Masjiida Filooridaa magaalaa Taampaatti ibbiddi qabsiifame.
- NuuralHudaa
- Feb 24, 2017
- 1 min read

Masjiidni Ameerikaa kutaa Filooridaa magaalaa New Taampaatti argamu ganama hardhaa ibiddan gubbamuu ABC News gabaseera.
Ibiddi kun halkan sa’aa 8 booda naannoo balbala masjiidichaatti qabsiifame. Hojjattoonni ittisa balaa ibiddaa naannawa sanii wayta ibidda dhaamsuuf dhaqanitti, nama tokkollee achitti kan hin argin tahuu miidiyaaleef himaniiru. Balaa ibiddaa kanaan Afaan/Minxaafnii fii balballi masjiidichaa kan gubate tahuun beekameera.
Muslimoonni Magaalaa New Tampaa guyyaa har’aa sababaa balaa ibiddaa kanaaf bakka itti salaatan dhabanii, Salaata Fajriifi Jum’aa bakka birootti kan salaatan tahuunis gabaafameera.
Dubbii himaa fi Abbuukatoon hawaasa Muslima magaalaa Tampaa Musxafaa Amiin,
"ibiddi kun itti yaadame masjiida kanatti kan qabsiifame tahuun beekamaadha. sirritti mirkaneeyfachuuf immoo Qorannoo poolisootaa eegutti jirra. deggarsa jiraattonni naannaawa kanaa nuuf godhaniis guddoo dinqisiifanna” jedhee dubate.
Gochi akkanaa kun waggaa dabre keessa Masjiida Filooridaatti nama Joseef Ishraayber jedhamuun rawwatamee, adabiin hidhaa waggaa 30 itti murteeyfamuun isaa ni yaadatama.

Comentarios