top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN), murtiin hidhaa loltuu Israa'eel irratti darbe kan fudhat

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 24, 2017
  • 1 min read

Kiibxata dabre manni murtii Israa'eel loltuu Elor Azaariyaa jedhamu kan dargaggeessa lammii Falisxiin rasaasaan dhahamee madaayee lafa dhahe Abdulfattaah Yasiir jedhamu irratti waggaa dabre keessaa ajjeechaa gara jabeenyaa raawwate irratti adabbii hidhaa ji'a 18 qofa dabarsee ture.

Dameen mirga dhala namaatiif falmu kan Dhaabbata mootummoota Addunyaatis,"Adabbiin hidhaa ji'a 18 kan manni murtii Israa'eel loltu Israa'eel kan dargaggeessa lammii Falisxiin rasaasaan dhahamee kufe irratti yakka ajjeechaa gar jabeenyaa raawwate irratti dabarse kan fudhatama hin qabne" jechuun balaaleffate.

Dubbii himtuun damee mirga dhala namaa Dhaabbatichaa Ravina Shamdasanii,"Nuti adabbii hidhaa manni murtii Telaviiv loltuu Israa'eel kan lammii Falisxiin rasaasaan dhahamee lafa dhahe irratti ajjeecha gara jabeenya raawwate irratti dabarse ni balaaleffanna. Akka heera biyya Israa'eeliitti namni nama ajjeese waggaa 20 adabama, kan amma darbe kun immoo kan sirna haqaa biyyatti faaleesse. Kanaafuu, dhimmi kun dhimma bira dabramuu miti irratti mari’ataa jirra'' jetti.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page