top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Turkitti Miseensota Waraana biyyattiitiif Hijaaba uffatuun heeyyamame

  • Nuural Hudaa
  • Feb 23, 2017
  • 1 min read

Dubartoonni Miseensa Waraana Turkii hijaaba rifeensa isaanii haguugu uffatuu akka danda’an Ministeerri Ittisa Turkii guyyaa Arba’aa beekisee jira. Akka Ministeerichaatti, Dubartoonni miseensa Waraana biyyatti ta’an, Koofiyaa jalaan, Hijaaba bifti isaa Yunifoormii waraanaatiin walfakkaatu uffatuu akka danda’an ibsee jira.

Haala kana dubartoonni miseensa Waraanaa fi qaamman ittisa biyyaa jalan jiran hundi hijaaba Yunifoormii isaaniitiin walfakkaatu uffatuu mirga argatanii jiran. Preezidant Rajab Xayib Erdogaan, eega aangoo qabatee as bakka heddutti hijaabni akka uffatamu heeyyamee jira. Isaan keessaa, miseensonni Paarlaamaa, Manneen barnootaa fi Poolisoonnis akka uffatan godheera. Eddoon Hijaaba uffatuun haga ammaa dhoorkaa itti ta’e Bakka waraanaa kana ture. Amma sunis kaafamee jira. Kanaa jechuun Turk keessatti bakka hundattuu Hijaaba uffatuun mirga guutuu ta’eera

Ministeera Ittisa biyyaa kan ta’e, Fikrii Isiik “Rakkoon hijaaba dhoorkuu waliin walqabatee jiru furamee jira. Dubartootni Hijaaba uffatuu barbaadan akka fedhii isaaniitti uffatuu ni danda’u” jedhe.

Turk keessatti Rakkoon Hijaabaan wal qabatee waggaa dheeraaf ture, bara 2010tti barattoonni Yunivarsiitiidhaa akka uffatan heeyyamuun takka jedhee furamuu jalqabe. Itti aansuun bara 2013tti dubartoonni qaamman mootummaa keessa jiran hundi uffatuu akka danda’an heeyyamame. Bara 2014 ammoo barattoonni Sadarkaa lammaffaa baratan akka uffatan heeyyamame. Haala Kanaan Mootummaan Preezidant Rajab Xayabiin hoogganamu, ajaja Islaamummaa kan ta’ee, Hijaaba Uffatuu dubartoota Turkiif guutumaan guututti kennee jira kennee jira.

--------------------- NuuralHudaa


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page