Muslimoonni Naannoo Tigraayi irraa hidhaman ammas Bitootessa 11/2009 beellamaman.
- NuuralHudaa
- Feb 22, 2017
- 1 min read

Muslimoonni naannoo Tigraayi aanaa Raayyaa Azeeboo iddoo Kukuftoo jedhamu irraa Isin Wahaabiyyaa jechuun qabamanii magaalaa Macceewu mana hidhaa Ma'akeelawii jedhamutti dararamaa jiran guyyaa hardhaa mana murtii dhiyaatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Dhaddacha kanaan duratti Abbaan Alangaa sababa ragoota dharaa dhiheessuu hin danda'iniif Abbootii seeraa waliin mari'atuun guyyaan beellamaa akka dheeratu kan godhaa ture yoo tahu, maatiiwwan hidhamtootaa gocha kanatti aaranii gara mana murtii olaanaa magaalaa Maqaleetti dhaquun ol iyyannaa dhiheefatanis pirezedaantii mana murtii kana kan tahe Obboo Zanabaa kan jedhamu maatiiwwan hidhamtootaa sodaachisuun deebisee ture.
Ulamaa'onni fi Ustaazonni galmee Sheekh Abdulmannaan jalatti himataman kunniin Gurraandhala 13/2009 mana murtii kan dhiyaatanii turan yoo tahu dhaddacha kanaan duraatti Abukaattoowwan himatamtootaa Abbaan alangaa himannaa kana dhiheesse hayyamaa fi aangoo yakka himatamtoota kanniin irratti dhiyaate ilaaluu kan hin qabne tahuu ibsaniif turan. Abbaan Alangaatis ragaa ni qabna jedhee dhaddacha Gurraandhala 13/2009 oole irratti dhiheeffate.
Manni murtii dhuma irrattis Abbaan Alangaa yakka himatamtoota irratti dhiheesseef ragaa namaa fi kan Sanadaa yoo qabaate bitootessa 11/2009 akka dhiheeffatu beellamuun dhaddachi kan goolabame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Ulamaa'ota fi Ustaazota galmee kana jalatti himataman jidduu maatii isaanii ilaaluuf Sa'uudii irraa kan dhufan Ustaaz Abdulmannaan, Afrikaa Tv irratti sagantaa Da'awaa Afaan Tigriiffaan kan dhiheessuun beekaman Ustaaz Khadiir Husseen, Sheekh Ahmad Yuusuuf fi muslimoonni birootis yakka dharaatiin himatamuun dararamaa jiru.
Comments