Manni Murtii Israa’el Loltuu Lammii Falasxiini ajjeese irratti murtee ji’a 18 qofaa dabarse.
- Nuural Hudaa
- Feb 22, 2017
- 1 min read

Loltuun Elor Azaariyaa jedhamu kun dargaggeessa Falasxiin kan rasaasaan dhahamee madaayee lafa dhahee jiru, Abdul Fattaah Shariif jedhamu bakka inni ciisetti itti dhukaasuun akka ajjeese gabaafamee jira. Yakka isaa gara jabeenyaa kanaaf ammoo murteen Manni Murtii Israa’el itti mure ji’a 18 qofa. Namoonni karaa Falasxiiniin jiran, murteen kun akkaan xiqqaa waan ta’eef irra deebi’amee laallamuu akka qabu kan gaafatan yoo ta’u, Qaamonni Israa’el ammoo loltuun kun dhiifamni godhameefii bilisaan akka gad lakkifamu gaafatanii jiran.
Abbaan dargaggeessa ajjeefamee, Yuusir Shariif, “ loltuun kun ilma kiyya beekkaan ajjeese. Kanaafuu umrii isaa guutuu hidhaa keessatti dabarsuu qaba” jechuun miidiyaaletti himee jira. Dabalataan dhimma kana akka ol iyyatanis himee jira.
Ministeeronni Israa’el Hedduun isaanii, loltuun kun saffisaan akka gad lakkifamuu gaafatanii jiran. Ministeerri barnootaa fi Aadaa kan ta’e Mirii Regev, “loltuun kun amma booda guyya takkaafillee mana hidhaa keessa turuu hin qabu” jedhe. Ministeera barnootaa kan ta’e, Naaftaalii Beenet ammoo “loltuun kun Abadan gara mana hidhaa deemuu hin qabu. Ammuma dhiifamni godhameefii hiikamuu qaba” jedhe.
Walumaa galatti Ummanni faalasxiin yeroo murteen amma dabarfame kun xiqqaatee jira jedhanitti, Ministeeronni Israa’el ammoo inumaa gad dhiifamuu qaba jechuun isaanii rakkoo jiru kan mul’isu akka ta’e, Aangawoonni Hamaas dubbatanii jiran.
Dubbi himaa Mirga namooma Falasxiin kan ta’e, Samir Zaquut, “Ummanni Falasxiin mootummaa Israa’el irraa haqa tokkollee hin eegu. Lubbuun ummata Falasxiin Israa’el biratti akka lubbuu faaydaa hin qabneetti ilaalamti” jedhe.
Walumaa galatti, Adabbiin loltuun kun argate, adabbii lammiileen Falasxiin sababuma dhakaa darbataniif argatan caala xiqqaadha. Namni dhagaa darbate, adabbii waggaa Sadihii kan adabamu yoo ta’u, loltuun gara jabeenyaan Abdulfattaah ajjeese kun garuu, Adabbii waggaa takkaa fi walakkaa qofa argate.
--------------------- NuuralHudaa
Comments