top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Imaammatni mootummaan Afrikaa kibbaa Mana Murtii idil Addunyaa keessaa bahuuf dhiheeffate kuffifame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 22, 2017
  • 1 min read


Manni Murtii olaanaan Afrikaa kibbaa Imaammata mootummaan isaanii miseensummaa Mana Murtii Yakkamtoota Idil Addunyaa (International Criminal Court ICC) keessaa bahuuf dhiheeffate ture, kan heera biyyattii hin eeggatinii fi kan faayidaa hin qabne jechuun kuffise.


Imaammatni kun paarlaamaa biyyattiif dhihaatee yaadni itti kennamuu qaba jechuun Paartiin Dimokraatik Aaliyaansi jedhamu mormaa tureera.


Manni Murtii olaanaan Afrikaa kibbaatis mootummaan karoora miseensummaa mana murtii yakkamtoota Addunyaa (ICC) keessaa bahuuf qabu guutumaan guututti sammuu keessaa baafachuu qaba jedheera.


Afrikaan kibbaa bara 2015 keessa yeroo Pirezedaantiin Suudaan Kibbaa Umar Albashiir gara biyyaa isaanii daawwannaaf deemetti ishiin miseensa ICC waan taateef akka dabarsitee kennitu gaafatamnaan hin kennu eega jette booda karoora miseensummaa keessaa bahuu kan qabatte tahuus beekameera.


Biyyoonni Afrikaa hedduun kan miseensummaa ICC keessa jiran Afrikaa kibbaa dabalatee, Burundii fi Namiibiyaanis yeroo adda addaatti keessaa bahuu kan barbaadaan tahuu fedhii isaanii ibsataa jiru.


Gaambiyaan yeroo Pirezedaantii duraanii Yahyaa Jami'iin hoogganamaa turtetti miseensummaa ICC keessaa kan baate tahuu ibsitee turte, haata'uu malee dhiheenya kana Pirezedaantiin haarawa eega filatamee booda kan deebite tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page