top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Harargee Lixaa Magaalaa Bordoddeetti lola guddatu deemaa oole.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 22, 2017
  • 1 min read


Ganama hardhaa sa'aa 4:30 irraa eegalee Harargee lixaa magaalaa Bordoddeetti waraanni liyyuu poolisii naannoo Sumaalee lola guddaa banuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Waraanni Makkalakayaa liyyuu poolisii waliin tahuun ummata Oromoo irratti dhukaasa banuun beekameera. Lola guyyaa hardhaa waraanni liyyuu poolisii fi Makkalakayaan ummata irratti banteen ummata irraa namoonni lama Jaabiroo Khadiir Husseen fi Husseen Saakoo jedhaman kan ajjeefaman yoo tahu, Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee irraa immoo namoonni lama ajjeefamuu fi sadii ammoo madaa'uu odeeffannoon argame ni addeessa.


Waraanni Makkalaakayaa poolisoota naannoo Oromiyaa kan ummataaf dirmatan tumaa kan hidhaa jirtu tahuu maddeen gabaasaniiru. Waaree booda warri Liyyuu poolisiin Bordoddee irraa gara Dirree Qaalluutti darbuun yeroo ammaa dirree Qaalluutti lolli cimaan deemaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page