top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sheekh Muhammad Suruur Husseen Aakiraman.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 21, 2017
  • 1 min read

INNAALILLAAH WA'INNAA ILEYHI RAAJI’UUN.

Sheekni guddaan godina Arsii magaalaa Xareetaatti waggoota dheeraaf hawaasa muslimaa naannawa sanii barnoota Diinii masjiidaa fi madrasatti barsiisaa turan, Sheekh Muhammad Suruur Husseen guyyaa hardhaa Aakiramuu oddeeffannoon argame ni addeessa.

Sheekh Muhammad Suruur Husseen umrii daa'imummaa isaanii irra kaasee nama diinii baratuuf Barsiisuu irratti jiruu isaanii dabarsan tahuu maddeen nuuf gabaasaniiru.

Sirni Awwaalcha isaanii guyyaa hardhaa bakka Ulamaa'onni, darasoonnii fi hawaasni muslimaa lakkoofsaan hedduu argametti aanaa Sirkaa magaalaa Xareetaatti raawwatamuu beekameera.

Sheekh Muhammad Suruur Rabbiin Jannataan haa qananiisu ,Maatiwwan isaaniifis Rabbiin Sabrii Haa kennuuf!


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page