Reeffi namoota 74 Biyya Liibiyaa qarqara Magaalaa Zaawiyaa biratti argame
- Nuural Hudaa
- Feb 21, 2017
- 1 min read

Akka gabaasa fannoo diimaatti, yoo xiqqaate reeffi baqattoota 74 bishaaniin fuudhame, Biyya Liibiyaa magaalaa Zaawiyaa, cinatti argamee jira. Dubbi himaan dhaabbatichaa Muhammad al Misraatii AP newsitti akka himetti, reeffi namoota kanniinii Kiibxata ganama qarqara magaalattiitti argame. Dabalataan Misraatiin, reeffi namoota kanniinii gara Magaalaa Trippoolotti geeffamuudhaan bakka namoonni eenyummaan isaanii hin beekamne awwalamanitti kan awwaalaman ta’uu ibsee jira.
Kun osoo Kanaan jiru, Gamtaan Awurooppaa gargaarsa mallaqa Liibyaaf kennuudhaan baqattoonni akka gara Awurooppaa hin seenne gochuudhaaf karoora haarawa baasuun isaa beekamee jira. Akka karoora kanaatti namoonni baqattoota dooniidhaan gara Awurooppaa ceesisan irratti mootummaan tarkaanfii akka fudhatu kan godhu ta’uu gabaasni bahe ni mul’isa.
Haa ta’u malee karoorri kun dhaabbatoota mirga namummaa garagaraa irraa mormiin cimaa isa qunnamee jira. Akka dhaabbileen kunniin jedhanitti, murteen akkanaa kun baqattoota biyyoota Afriikaa garagaraa irraa baqatanii Liibyatti walitti qabamanii jiran irratti sarbamiinsi mirga namoomaa heddu mudachuu akka malu beeksisanii jira.
Bara darbe keessa qofa baqattoonni kuma 181,000 ol ta’an karaa Liibiyaatiin gara Awurooppaa seenuun isaanii beekkamee jira. Namoota kara Awurooppaa cehuuf yaalii godhan keessaa kanneen 4500 ol ta’an lubbuu isaanii dhabanii jiran. Reeffa namootaa guyyaa har’aa magaalaa Azzaawiyaatti argame dabaltee eega barri 2017 seenee as ammoo ji’a lama keessatti namoonni 230 ta’an lubbuu isaanii dhabanii akka jiran dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksisee jira.
--------------------- NuuralHudaa



Comments