Lammiiwwan Itiyoophiyaa Imbaasii Suudaan duratti hiriira bahanii turan akka adabaman murteeyfame.
- NuuralHudaa
- Feb 21, 2017
- 1 min read

Jimaata darbe lammiiwwan Itiyoophiyaa Sudaan magaalaa Kaartum keessa jiraatan sababa Mootummaan Suudaan mallaqa kaffaltii waraqaa jireenyaa irratti humna isaanii olitti dabaleef Imbaasii Itiyoophiyaa kan magaalaa Kaartuumitti argamutti hiriira bahanii turan, warri Imbaasii Itiyoophiyaatis waraana mootummaa Suudaan waamuun namoonni hedduun kan miidhamanii fi namoonni 500 tahan immoo hidhamanii kan turan yoo tahu, namoota hidhaman kana jidduu isaan 65 iddoo ummanni walitti qabametti alangaan akka tumaman manni murtii Suudaan kan murteesse tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Namoonni 65 kunniin iddoo ummanni walitti qabametti Alangaa 40 akka garafamanii fi isaan hundi doolaara Ameerikaa 771 akka adabaman, yoo kaffaluu hin dandeenye immoo hidhaa ji'a 2 akka hidhaman jechuun manni murtii kan dabarse tahuu maddeen gabaasaniiru.
Adabbiin lammiiwwan Itiyoophiyaa irratti dabarfame kun yoom akka raawwatamu guyyaan kan hin beekamin ta'uu ibsameera.
Lammiiwwan Itiyoophiyaa Suudaan keessa jiraatan yeroo adda addaatti Imbaasii Itiyoophiyaa irraa yeroo deeggarsa barbaadan kan hin arganne tahuu iyyannoo dhiheeffataa turuu odeeffannoon ni addeessa.
Comentários