Paarlaamaa Ingiliiziitti Daawwannaa Tiraamp ilaalchisee Falmii guddatu geggeeffamaa jira.
- NuuralHudaa
- Feb 20, 2017
- 1 min read

Guyyaa hardhaa Paarlaamaa Ingiliiziitti mormiin guddaan miseensota mana marii Ingiliizii jiddutti dhimma daawwannaa pirezedaantii Ameerikaa Doonald Tiraamp Ingiliizi seenuu qaba fi hin qabu kan jedhu irratti geggeeffamaa jira.
Imaammata pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp lammiiwwan biyyoota muslimaa 7 irraa tahan akka Ameerikaa hin seenne jechuun baase irratti lammiiwwan Ingiliizi mormii guddaa dhaageessisaa turan, namoonni miliyoona 1.8 ol tahan Tiraamp biyya Keenya seenuu hin qabu jechuun mallattoo isaanii walitti qabuun paarlaamaaf dhiheessuun mormii isaanii ibsatanii turan.
Guyyaa hardhaatis miseensota Paarlamaa Ingiliizii jiddutti Tiraamp biyya isaanii seenuu qaba fi seenuu hin qabu kan jedhu irratti falmiin cimaan sa'aa 4 turu geggeeffamaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments