top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

OPDO'N qabeenya uumamaa too'annaa Abbootii qabeenyaa harkaa fuudhuu jalqabde.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 18, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni ummata Oromootiif dhaabbadhe ofiin jechuun ajjeechaa fi saamicha qabeenya ummata irratti waggoota dheeraaf geggeessaa jiru OPDO'N qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti argaman Abbootii qabeenyaa waliin tahuun saamaa turte, Fincila ummanni guutuu biyyattiitti mootummaa irratti kaaseen walqabatee haaromsa taasisna jechuun ummata sobuuf qabeenya uumamaa waggoota dheeraaf Abbootii qabeenyaatiin too'atamaa ture harkaa fuudhuun dargaggoota hojii dhabbeeyyiif kenna jechaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.

Gabaasni gaazexaa Ripoorter jedhamu kan afaan Amaaraatiin maxxanfamu agarsiisutti, "Mootummaan Naannoo Oromiyaa iddoowwan qabeenya uumamaa Abbootii qabeenyaatiin too'atame irra fuudhuun dargaggoota hoji dhabeeyyii naannichaa keessatti waldaan gurmaa’aniif kennuu jalqabeera" jedha.

Itti aanaa pirezedantii naannichaa fi Itti gaafatamaan Biiroo misooma magaalaa naannichaa kan tahe Obboo Abiiy Ahmad akka Ripoortariif ibsetti, "Iddoowwan hojii dhabdummaan itti muldhatu maratti adeemsi kun itti fufa, ammatti godina Shawaa Bahaatti hojiin kun jalqabameera. Iddoowwan qabeenya uumamaa naannawa kanatti argaman Abbootii qabeenyaa harkaa fuudhuun dargaggoota 300,000 ol tahaniif hojii uumuuf karoorri xumuramee jira. Invastaroota naannawa kanatti hojjataa turan wajjiin marii godhaa jirra, kanuma irratti hundaa’uun Invastaroonni oomisha dargaggoota irraa akka bitatan karoorri qabameera" jedha.

Abbootii qabeenyaa akka Midrook kan qabeenya ummataa wagga dheeraaf mootummaa biyyattii bulchaa jiru wajjiin tahuun saamaa turanis tarsimoo mootummaan Itiyoophiyaa fincila biyyattii keessatti kahe kana ofirraa deebisuuf baafate kana kan deeggaran tahu dubbataniiru.

Obboo Abiiy ibsa Ripoortariif kenne irratti; Qabeenyi uumamaa harka Invastarootaatii fuudhuuf karoorfame iddoowwan qabeenyi uumamaa akka Maansa diimaa ,dhagaa, Puumiis fi Tantalaam tahuu dubbate.

Iddoowwan qabeenya uumamaa akka warqee Shaakkisoo fi kan birootis kan hin ibsamin tahuu beekameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page