Barattoota Magaalaa Kombolchaatti Diinii barataan Wahaabiyyoota jechuun qaraatii irraa kan ari'a
- NuuralHudaa
- Feb 17, 2017
- 1 min read

Naannoo Amaaraa godina Walloo kibbaa magaalaa Kombolchaatti Ahbashoonni barattoota Ilmii barataa turan, Kiibxata dabre gurraandhala 7/2009 Isin Wahaabiyya jechuun kan ari'an tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Barattoonni 27 tahan kan Aalima beekkamoo magaalaa Kombolchaa kan tahan Sheekh Muhammad Yaassin jedhaman irratti barnootaa Nahwii barataa turan ari'amuu maddeen gabaasaniiru.
Barattoota Wahabiyyoota jechuun ari'aman kanniin jidduu isaan 4 irratti yakka dharaa itti dhiheessuun poolisoonni akka qaban eega godhanii booda yaaliin isaan hiisisuuf godhan osoo hin milkaa'in hafuu beekameera.
Hooggantoonni Majliisa Ahbaash hawaasa muslimaa Aqiidaa Ahbaash hin hordofneen kaafiraa jechuun kan arabsaa jiran tahuus beekameera.
Namoota waan kana godhaa jiran jidduu Namtichi Ibraahim jedhamu kan imaama masjiida Borcholee jedhamu tokko tahuu isaas odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments