top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Baqattoota Itiyoophiyaa Sudaan keessa jiran waraanni mootummaa Sudaan tumuun beekame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 17, 2017
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa baqattoonni Itiyoophiyaa kan Sudaan keessa jiraatan Imbaasii Itiyoophiyaa kan magaalaa guddittii Sudaan Kaartumitti argamutti poolisootaan kan tumaman ta'uu maddeen gabaasaniiru.


Akka Baqataan nuti achi irraa dubbisne tokko nuuf himetti

"Baasiin Waraqaa eenyummaa kafalamu humna keenyaa ol waan nutti dabalameef torbee dabre Imbaasii Itiyoophiyaa kan Sudaaniitti argamutti Iyyataafi dhaqne Itti gaafatamtuun Imbaasii Itiyoophiyaa aaddee Birtuukaan tan jedhamtu baatee eega nu dubbistee booda dhimma kana ilaalchisee xalayaan nu gahes waan hin jirreef qulqulleeffannee torbaan dhufu isaanii deebisna jechuun guyyaa hardhaaf nu beellamtee turte, nutis guyyaa hardhaa deebisaa arganna jennee yoo deemnu hojjataan Imbaasii tokko gad bahuun ammas guyyaa 15 booda deebi'aa ogguu nuun jedhu nuti hin deemnu jennee didne isaan wanti asi dhuftaniif jeequmsaaf jechuun balbala nutti cufanii poolisoota nutti waaman, poolisoonni konkolaataa 8 ol dhufuun nu tuman" jedha.

Reebicha poolisoota kanaan namoonni hedduun kan miidhamanii fi namni du'es jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page