OPDO'n hooggantoota mootummaa 4,460 tahan irratti tarkaanfiin fudhatamee jira jetti.
- NuuralHudaa
- Feb 16, 2017
- 1 min read

Hooggantoota Biiroowwan Naannoo irraa hanga waajjiraalee sadarkaa aanaatti argaman 4,460 tahaan irratti tarkaanfiin fudhatamee jira jechuun Gurra mootummaa kan tahe Faanaa Biroodkast(FBC'N) gabaaseera.
Hoogganaa Biiroo Dhimmoota Komunikeeshiinii naannoo Oromiyaa kan tahe Obboo Addisuu Araggaa akka jedhutti; Hooggantoota sadarkaa naannoo hanga aanaatti jiran Sababa gahuumsa dhaabuun namoonni 2,587(58.3%), kiraa sassaabdummaan namoonni 964(21.6%) tahan, rakkoo naamusaan namoota 397(8.9%), rakkoo dhuunfaa namoota 512(11.5) tahan irratti tarkaanfiin kan fudhatame tahuu dubbate.
Akkasumas Hooggantoota sadarkaa gandaatti argaman 13,578 tahan irratti tarkaanfiin fudhatamuu FBC'N gabaaseera.
Akka Obboo Addisuun jedhutti; sadarkaa gandaatti namoota 2,470 ragaa waliin seeraaf dhiyeessuuf qophiin xumuramee jira, akkasumas Birriin 7,149,032, konkolaataan 4, gamoon 2, Manni jireenyaa 40, lafti magaalaa Kaaree meetira 244,356 fi lafti bosonaan uwwifame hektaarri 54.8 too'annaa mootummaa jala ooluu dubbate.
Ammas miseensonni 5,832 bifa haaraan hooggansatti fidamuu ibsameera.
OPDO'n tarkaanfii kana sababoota gahuumsa dhabuu, kiraa sassaabdummaa fi rakkoo naamusaatiin kan fudhatte tahuu kan amante yoo tahu, tarkaanfiin kun hooggantoonni waggoota 25 dabraniif biyyattii bulchaa jiran rakkoowwan kanaan kan xaxaman tahuu kan agarsiisuudha.
Comments