Aanaa Midhaagaa Tolaatti hooggantoonni aanaa walgahii waamanii ummanni argamuun marii isaanii diduun
- NuuralHudaa
- Feb 16, 2017
- 1 min read
Godina Harargee Bahaa aanaa Midhaagaa Tolaa magaalaa midhaagaatti kamisa hardhaa mootummaan ummata walgahiif kan waame yoo tahu, ummanni walgahii kana irratti argamuun akkuma mariin jalqabameen marii isaanii diduun gaaffiiwwan mirgaa kaasuu maddeen gabaasaaniiru.
Akka jiraataan naannawa sanii kan walgahii kana irratti argame nuu himetti, "Kamisa hardhaa hooggantoonni aanaa walgahiif ummata waamuun hardha xumura haaromsa misoomaati dargaggoota hujii dhabeeyyiis IMX'n(waldaan) ijaarree hojii uumnaaf, kanaafuu namoota Sa'uudii irraa dhufanis maqaa isaanii nuuf kennaa jechuun marii akkuma jalqabaniin; ummannis, nuti hojii isin dargaggoota waldaan ijaaruun nuuf kennitan hin barbaadnu yoo kan nuuf yaaddan tahe rasaasa nuuf kennaa weerara liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee deeggarsa mootummaa TPLF irraa argattuun ummata Oromoo fixaa jirtuu fi lafa Oromoo saamaa jirtu ofirraa deebisna, kan nu fixaa jirtu Liyuu Poolisii osoo hin tahin isini, nu fixaa misoomni isin nutti himaa ooltan maali?" jechuun marii irratti diduu nuuf himeera.
Hooggantooni OPDO godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti haaromsa jechuun ummata sobaa jiraatuus odeeffannoon argame ni addeessa.
Comments