Search
Mooraan Masjiida Umar iddoo Bajaajonni dhaabbatanii fi itti suphaman godhame.
- NuuralHudaa
- Feb 15, 2017
- 1 min read

Mooraan Masjiida Umar kan Walloo Kibbaa magaalaa Kombolchaatti argamu iddoo Bajaajonni itti suphamanii fi dhaabbatan godhamuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Hooggantoonni Majliisa Ahbaashotaa masjiidonni too'annaa keenya jalatti buluu qabu jechuun koree hawaasni muslimaa filate harkaa erga fudhaan booda qaamni masjiida kanaaf falmu dhabamuu irraa kan ka'e mooraa masjiida kana iddoo Bajaajonni dhaabbatanii fi itti suphamaniif kan kenname tahuu beekameera.
Comentarios