top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Weerarri Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee godinaalee Oromiyaatti geggeeffamaa jiru cimee itti fufeer

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 14, 2017
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa godina Gujii fi godina Booranaatti lolli guddaan geggeeffamaa ooluu odeeffannoon argame ni addeessa. Weerara Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee godina Gujii aanaa Libaniitti guyyaa hardhaa banteen dhalattoonni Oromoo 12 ol tahan miidhamanii gara hospitaala magaalaa Nageellee Booranaatti geeffamuu beekameera.



Lola godina Booranaa iddoo Harfunaan Hagarsuu fi Dildila dheekkaa jedhamutti dhalattoota Oromoo fi Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee jiddutti godhameen dhalattoonni Oromoo 10 kan ajjeeffaman fi namoonni 30 ol madaayuu maddeen gabaasaniiru. Namoota madaayan keessaa isaan 5 gara Hospitaala Awaasaatti kan dabarfaman tahuus beekameera.


Ummanni liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee irraa qawwee 32 kan hiikkate tahuu maddeen gabaasaniiru.


Guyyaa hardhaa Waraanni Agaazii magaalaa Mooyyalee irraa gara iddoowwan lolli itti geggeeffamaa jirutti kan fe'amaa jiru tahuus odeeffannoon naannawa irraa nu gahe ni addeesa


Waraana Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee keessatti miseensonni Raayyaa Ittisa biyyaa hirmaachaa kan jiran yoo tahu, lola guyyaa hardhaa Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee Godina Gujiitti bante irratti Ajajaa Shantamaa miseensa Raayyaa ittisa biyyaa tokko ummata Oromootiin ajjeefamee jira. Waraqaan eenyuummaa isaatiis kan argame tahuu beekameera.


Waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee deeggarsa mootummaatiin kan socho'aa jiran tahuus beekuun danda'ameera.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page