Manni Murtii Paaskitaan guyyaan jaalalaa ( Valentine's day) biyyattii keessatti akka hin kabaja
- Nuural Hudaa
- Feb 13, 2017
- 1 min read

Manni Murtii olaanaan Paakistaan kan magaalaa Islamaabadiitti argamu guyyaa hardhaa ayyaana guyyaa jaalalaa (Valentine day) jechuun waggaa waggaan kabajamu Pakistaan keessatti akka hin kabajamne jechuun ajaja ariifachiisaa dabarse. Ajajni kun beeksisni adda addaa kan guyyaa Jaalalaa jechuun Miidiyaalee fi meeshaalee elektirooniksii irratti maxxanfaman, akkasumas wantoota ayyaana kanaan walqabatee gabayaa irratti dhiyaatani, gamoowwan mootummaa fi iddoo ummanni hedduuminaan itti argamutti akka hin kabajamne kan dhoorku tahuu odeeffannoon argame ni addeessa. Manni Murtii kun odeeffannoowwan adda addaa kan ayyaana kanaan walitti hidhata qaban akka miidiyaalee hawaasaa adda addaa irrattis akka hin tamsaafamne akka too'atamu jechuun Abbaa taayitaa too'annaa miidiyaalee hawaasa Paakistaan( Pakistan Electronic Media Regulatory) gaafatee jira. Manni Murtii ajaja kana kan dabarse eega Lammiin biyyattii Abdul Wahiid jedhamu ayyaanni guyyaa jaalalaa jechuun kabajamu kun barsiisa Islaamaa waan faallessuuf akka hin kabajamne jechuun mana murtiif dhiheessee booda ajajni hatantamaa akka dhoorkamu kan dabarfame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa. —------------------- NuuralHudaa
Kommentare