top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Magaalaa Awwadaayiitti Majliisni Mootumama Madrasaa tokko cufuun gabaafame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 13, 2017
  • 1 min read

Guyyaa hardhaa Gurraandhala 6/2009 godina Harargee Bahaa Magaalaa Awwadaayiitti, hoggantoonni majliisa mootummaa Masjiida Siddiiq Markaazul Sunnaa jedhamu dhufanii, Qaraatii kan dhaabsisan tahuu maddeen gabaasaniiru.

Akka jiraataan magaalaa Awwadaay tokko nuuf himetti.

" Hoggantoonni majliisa mootummaa guyyaa har’aa masjiida Siddiiq Markaaza nunnaa dhufanii, Ustaaza markaza kana qarasisaa jiru Sheekh iizaddiin waamuun, waraqaa hayyamaa kan qaraasiistuun fidi jedhaniin. Sheekni ani waraqaa hayyamaa hin qabu jechuun deebisnaan; ati Mankararessaadha warra mootummaa Shoroorkeessuuf dhufe. hanga waraqaa hayyamaa nurraa fudhattutti, qaraatii dhaabi" jedhaniin, jechuun nuf hime.

Manguddoonni naannawa sanii waliitti qabamanii hayyama fuudhuuf hoggasuma gara majliisaa deemaanis, hayyamni hin keennamu; nuti Sheekicha waan barbaadnuuf Sheekni kophaa isaa haa dhufu jechuun kan deebisan. Achi booda sheek iizaddiin kophaa isaa gara majliisa mootummaa deemnaan,

" Ati Wahaabiyyaa Kawaarijaadha. warri mootummaa Shoroorkeessaa jiru siif garee keeti. kanaaf guyyaa hardhaa irraa jalqabdee qaratii akka hin qaraasiisne. yoo didde amma akka hidhamtu beeki "jedhanii kan itti dhaaddatan tahuu maddeen nuu gabasaaniiru.

Sheekni kun waggoota 13f magaalaa Awwadaayitti Aqiidaa Qulqulluu qaraasisaa ture. Sabaa Aqiidaa qulqulluu barsiisuuf majliisa mootummaatiin Shororkeeysaa jedhamee qaraatii dhooggame. Hogantoonni Majliisa Mootummaa qaratii kana dhabsiisan; Namoota Abdurrahmaanii fi Abdulaziiz jedhaman tahuus maddeen gabasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page