Ustaaz Abubakr Ahmad Guyyaa Har’aa Masjiida Sheeh Hojaletti Sagantaa Daa’waa guddaa dhiheesse.
- NuuralHudaa
- Feb 12, 2017
- 1 min read

Ustaaz Abubakr Ahmad Guyyaa Har’aa Masjiida Sheeh Hojaletti Sagantaa Daa’waa guddaa dhiheesse.
Bakka Ummata Muslimaa bu’uun, gaafii Ummata Muslimaa Mootummatti dhiheessuu isaatiif qofa Shororkeessaa jedhamee, waggaa dheeraaf hidhaa irratti dararamaa kan ture Ustaazni keenya jaalatamaan Ustaaz Abubakar Ahmad, eega Hidhaa irraa baheen booda, guyyaa har’aa Daa’waa bareedduu Masjiida Sheekh Hojaleetti dhiheessee jira. Ustaaz Abubakar Ahmad Mata duree “Qalbii qulqulluu” jedhuun da’waa guyyaa har’aa dhiheesse kana irratti; ummanni Muslimaa hedduun bakka sanitti argamuudhaan da’waa isaa hordofanii jiran. Masjiida Sheekh Hojaleettis guyyaa har’aa akka guyyaa jum’aatti bakki guutee ummannis hamilee guddaan hordofaa ture.
Ustaazni keenya jaalatamaan dubbii isaa mi’ooftuu fi jechoota isaa qalbii namaa keessatti maxxananii hafaniin, qalbii ummata muslimaa gammachiisaa ooluun isaa gabaafamee jira.


Comments