Waraanno Liyyuu Poolisii Manneen Barnoota Aanaa Baabbilee 11 akka cufaman godhe
- Nuural Hudaa
- Feb 10, 2017
- 1 min read

Godina Harargee Bahaa Aanaa Baabbilee gandoota adda addaa keessaatti Adeemsi Baruu fi Barsiisuu guutumaatti kan dhaabbate tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa qaxxaamuree seenuudhaan saamicha lafaa geggeessaa jira. Kanuma hordofee ilmaan Oromoo irratti dararaa fi ajjeechaan guddaan geggeeffamaa akka jiru madden nuuf gabaasanii jiru
Guyyaa kaleessaa godina Harargee Baha aanaa Baabbileetti lola waraanaa Liyyuu Poolisii Naannoo Sumalee fi Poolisii naannoo Oromiyaa jidduutti godhamen lubbuun namoota kan darbe tahu, akkasumas loltoonni naannoo Sumaalee gandoota naannoo Oromiyaa adda addaa to'annaa jala galfatuun alaabaa isaanii kan dhabbatan ta’uun beekameera.
Akkasumas manneen barnoota gandoota too'annaa isaanii jala seenan keessatti alaabaa isaanii dhaabbatuun, adeemsi baruu fi Barsiisuu guutumaan guututti akka dhaabbatuuf sababaa ta’uu isaanii, odeeyfannoon arganne ni addeessa.
Jeequmsa loltoota naannoo Sumaalee, kan Mootummaa biyya bulchaan jiruun deeggaraman kana hordofee uumameen manneen baruumsa 11 ol ta’an kan aanaa Baabbilee keessatti argaman akka cufaman godhamee jira. Manneen barnootaa kunniinis gara mooraa waraanaa kan mootummaa naannoo Somaaleetti jijjiiramuu isaa madden gabaasaniiru
Manneen barnoota cufaman kunniin M/B Gammachuu,Tulluu Horoo, Dareera Arbaa, Dorrobsaa, odaa Hummoo, M/B Sheek Huseen, Morma Gaaloo, Likkaalee, M/B Saafiyaa, M/B Barkallee fi Roobaa tahuu odeeffannoon ni addeessa.
--------------------- NuuralHudaa
Comments