top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee guyyaa hardhaa Araddaa Dararaa Arbaatti nama tokko ajjeesu

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 9, 2017
  • 1 min read


Ganama Hardhaa Aanaa Baabbilee araddaa Dararaa Arbaa jedhamutti waraanni Liyyuu Poolisii Naannoo Sumaalee nama tokko ajjeesuun, namni tokko immoo midhamuu oddeeffannoon naannawa irraa arganne ni addeessa.


Akka jiraataan naannawa sanii tokko nuuf himetti,"Ganama hardhaa waraanni liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa aanaa Baabbilee araddaa Dararaa arbaa jedhamu seenuun miseensa poolisii naannoo Oromiyaa Ahmad Rumaan nama jedhamu ajjeesuu fi tokko immoo haalaan miidhamee jira, walumaagalatti waraanni naannoo Sumaalee kun araddaa 8 ol too'annaa jala oolfatuun Alaabaa naannoo isaanii dhaabanii jiru, akkasumas miseensa Poolisii naannoo Oromiyaa tokkos booji'anii jiru” jechuun nuuf himeera.


Araddaawwan to'annaa isaanii jala oolfatan jidduu Araddaa Dararaa, Tulluu Horoo, lakkoolee, Awsharii, Araddaa Sheekh Husseenii fi Dorobs tahuu odeeffannoon argame ni addeessa


Commentaires


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page