top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Mootummaan Xaaliyaan Amantaan Islaamaa akka biyyaalessaatti galmaa'uuf Imaamman Afaan Xaaliyaan

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 9, 2017
  • 1 min read

Amantaan Islaamaa Xaaliyaan keessatti sadarkaa biyyoolessaatti beekkumtiin akka kennamuuf jechuun hawaasni muslimaa kan gaafate ture yoo tahu, mootummaan immoo Imaamman masjiida hunduu galmaa'uu akka qabaniif Afaan Xaaliyaaniin Da'awaa godhuu qabu jedha.



Amantaalee Xaaliyaan keessa jiran jidduu Amantaa muslimaa sadarkaa biyyoolessaatti kan hin galmaa'in yoo tahu, sababa kanaaf tajaajila adda addaa kan hawaasni muslimaa waajjiraalee mootummaa irraa argatuu qaban argataa kan hin jirre tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Jarmiyaaleen Hawaasa Muslimaa Xaaliyaan keessatti argaman 9 tahan amantaa Islaamaa amantaa biyyaalessaa akka tahu jechuun ministeera dhimma biyya keessaatti iyyannoo dhiheessan, Ministeerris akka biyyoolessaatti galmeessuuf Imaamman biyyattii keessatti argaman eenyummaan isaanii akka galmaa'uu qabuuf Afaan Xaaliyaaniitiin akka barsiisuu qaban ajaje.


Amantiiwwan Xaaliyaan keessatti argaman kan biroo immoo ulaagaan Afaan Xaaliyaaniin barsiisuu qaban jedhu kan hin kaa'aminiif tahuus odeeffannoon argame ni addeessa.



Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page