top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Sirna cidha hordoftoota Amantaa piroteestaanti irratti Qur'aanni ciramee bittinneeffame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 7, 2017
  • 1 min read

Sirna cidha hordoftoota Amantaa pirotestaantii kan magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa ture tokko irratti fuulli Qur'aanaa hedduun ciramee kan bittinneeffame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Namoonni gocha kana raawwatan too'annaa jala kan oolan yoo tahu, gochi raawwatame kun hawaasa muslimaa kan haalaan aarse tahuus beekameera.


Namoonni yeroo sirna cidhaa geggeeffatanitti sagantaa cidhaa bareechuuf jecha waraqaa ciruun bittinneessuun beekamaadha, hordoftoonni amantaa piroteestaantii kunniinis Qur'aana ciruun sirna cidha isaanii irratti akka namoonni miilaan irra deeman kan godhan tahuus maddeen gabaasaniiru.


Kanaan duraas yeroo adda addaatti gochi akkasii kun hordoftoota Amantaa piroteestaantiin kan raawwatamaa ture yoo tahu, namoonni yakka kana raawwatan yeroo murtaa'e qofaaf hidhamanii bilisaan kan lakkifaman waan sirritti hin adabamneef gochi tuffii kun irra deddeebi'uun raawwatamaa jira jedhameera.



Yeroo amma warri amantaa piroteestaantii kunniin sagantaa Raadiyoo Afaan adda addaatiin darbu qopheessuun naannoo hawaasni muslimaa hedduminaan itti argaman kan akka Silxeetti afaan silxeetiin sagantaa dhiheessuun gara Amantaa isaaniitti jijjiiruuf socho'aa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page