top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Kaampaaniiwwan Ameerikaa 97 ol tahan ajaja Tiraamp kan morman tahuu ibsatan.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Feb 6, 2017
  • 1 min read


Kaampaaniiwwan teknolojii gurguddoon akka Google, Apple, Facebook, Twitter f walumaagalatti Kaampaaniiwwan 97 ol tahan ajaja Pirezedaantii Ameerikaa Doonald Tiraamp lammiiwwan biyyoota muslimaa 7 akka Ameerikaa hin seenne jechuun dhoorke mormuun iyyannoo isaanii mana murtiitiif dhiyeessan.


Guyyaa lama dura Abbaan Seeraa kutaa Waashingten ajaja Tiraamp yeroof akka hojii irra hin oolle jechuun kan kuffisee ture yoo tahu, Abukaatoon Tiraamp ol iyyannoo dhiheeffatanis manni murtii walii galaa ol iyyannoo isaanii guyyaa kaleessaa kuffisuun, guyyaa hardhaa murtii dabarsuuf beellamee jira.



Kaampaaniiwwan kunniinis Murtii Abbaan Seeraa kutaa Washingten dabarse hanga dhumaa akka itti fufuu qabu cimsuuf ajaja Tiraamp lammiiwwan biyyoota muslimaa 7 irraa tahan akka Ameerikaa hin seenne jechuun ajaje mormuun iyyannoo isaanii kan dhiheeffatan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Kaampaaniiwwan kunniin iyyannoo isaanii kan irratti ajajni Tiraamp kun kan guddina diinagdee Ameerikaa irratti dhiibbaa guddaa fidu ta'uu ibsatuu isaaniis beekameera.

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page