Manni Murtii Federaalaa Kutaa Waashingten uggura Tiraamp biyyoonni muslimaa 7 akka Ameerikaa hin see
- NuuralHudaa
- Feb 4, 2017
- 1 min read

Donald Traamp Pirezedaantii Ameerikaa tahuun filamee guyyoota muraasa keessatti imaammata Ameerikaa fi biyyoota Addunyaa addaan kutu hedduu mallatteesse. Imaammata isaa kana jidduu baqattoonni biyyoota Muslimaa 7 irraa tahan akka Ameerikaa hin seenne ajaje. Guyyaa inni ajaja kana dabarsee kaasee namoonni biyyoota kanniin irraa gara Ameerikaa imalan akka deebi'anii fi kan Ameerikaa seenanis hidhamanii turan. Sababa kanatti ummanni Ameerikaa buufata Xiyyaara adda addaatti bahuun mormii cimaa geggeessaa jiru. Abukaatoowwan kutaa Washingteen keessatti argaman Tiraamp seeraa fi heera biyyattii cabse jechuun mana murtii Federaalaa kutaa Washingteen keessatti argamutti komii kan dhiheeffatan yoo tahu Manni Murtii Federaalaa himannaa isaanii fudhatuun uggura Tiraamp yeroo murtaa'eef kan kuffise tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Abukaatoowwan kunniin uggura Tiraamp hanga dhumaatti hojii irra akka hin oolle mormuu kan itti fufan tahuu ibsaniiru.
White House uggura Biyyoota muslimaa torban irratti godhame seera qabeessa jechuun murtii manni murtii dabarse qeeqaa jira. Guyyaa Tiraamp Imaammata kana labse irraa jalqabee Viizaan 100,000 ol haqamuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Uggura Tiraamp lammiiwwan biyyoota muslimaa 7 tahan irraa akka Ameerikaa hin seenne jechuun labse kun mormii guddaa seenaa Ameerikaa keessatti mudatee hin beekne kan kaase yoo tahu, qajeelfamni isaa kun mana murtiitti kuffifamuun ummata bahee mormii godhaa tureef injifannoo guddaadha jedhameera.
Kommentare