Muslimoota lama irratti murtiin adabbii darbe.
- NuuralHudaa
- Feb 3, 2017
- 1 min read

Obboleeyyan Muslimaa Muhammad Agonafiirii fi Wabii Abraar jedhaman irratti manni murtii aangawoota siyaasaatiin hoogganamu guyyaa hardhaa murtii dhuma dabarsuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Obboleeyyan kanniin irratti abbaan alangaa hawaasa muslimaa waliin mormii yeroo adda addaatti kanaan dura godhame irratti hirmaatuu isaaniif yakka dharaa masjiidota keessatti jeequmsa kaastanii jirtu fi sagaleen keenya haa dhagayamu jettanii jirtu jechuun itti banee tureef, manni murtii murtii badii raawwattanii jirtu jedhu itti dabarsuun waan adabbii isaanii salphisu akka dhiheeffatan ajajee ture.
Muhammad Agonaafir hin dhiheeffadhu jechuun kan didee ture yoo tahu, Wabii Abraar ni dhiyeessa jechuun iyyannoo eega galchee booda innis yaada isaa jijjiiruun akka hin dhiheeffanne mana murtiif ibsee ture. Dhuma irrattis manni murtii Muhammad Agonaafir irratti adabbii hidhaa waggaa 4fi ji'a 6 akkasumas Wabii Abraar irratti immoo Adabbii hidhaa waggaa 3fi ji'a 3 dabarsuu maddeen gabaasaniiru.
Comments