top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Namoonni balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti ka'een walqabatee himataman mana murtii dhihaatan

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 30, 2017
  • 1 min read

Balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti ka'een walqabatee namoota 121 tahan irratti abbaan alangaa himannaa banuun ni yaadatama.


Namoonni himataman kunniin guyyaa hardhaa himannaa isaan irratti dhiyaate dhaga'uuf mana murtii kan dhihaatan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Dhaddachi guyyaa hardhaa jalqabamuuf akkuma Abbootii seera seenaniin himatamoonni ajaja abbaa seeraatiin alatti ol ka'uun namoota balaa abiddaa kana jalaa lubbuu isaanii baraaruuf osoo baqatanii waraanni mootummaa ajjeeseef gadda ibsina jechuun dhaabbatan, Abbaan seeraatis dhaddacha jeeqaa jirtu jechuun dhaddachi osoo hin adeemsifamin kan hafe tahuu maddeen gabaasaniiru.


Obboleeyyan muslimaa himannaa kana jalatti himatamanis mana murtii kan dhiyaatan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page