top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muummichi ministeera Chaad kan duraanii hoogganaa Gamtaa Afrikaa tahuun filame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 30, 2017
  • 1 min read

Walgahii hooggantoota gamtaa Afrikaa kan marsaa 28ffaaf magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jiru irratti bara 2003-2005 muummicha ministeera Chaad tahuun kan hojjataa ture Muusaa Faqii waggoota 4 dhufaaniif hoogganaa gamtichaa tahuun filame.


Muusaa Faqii bara 2007- 2008 Pirezedaantii mana marii Diinagdee, Hawaasummaa fi aadaa Chaad tahuun kan hojjataa ture yoo tahu, eega saniis aangoo adda addaa irra kan ture tahuu odeeffannoon ni addeessa.


Walgahii Gamtaa Afrikaa kan guyyoota sadiif geggeeffamaa jiru kana irratti Ministeera Dhimma alaa Keeniyaa kan taate Amiinaa Muhammadi, lammii Boostiwaanaa kan taate Pelonomii Vensen Motayii, Ministeera Dhimma ala Ikuwaatoriyaal Giinii kan tahe, Agaapiitoo Mbaa Mokuyii fi lammii Senegal kan tahe Doktor Abdulayu Baziiliiy aangoo kana qabatuuf Muusaa Faqii waliin falmii cimaa kan godhan yoo tahu, dhuma irratti Muusaa Faqii injifatuun waggaa afuriif aangoo kan qabate tahuu beekameera.


Comentarios


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page