Muslimoonni Shan Masjiida keessatti dhukaasa itti banameen ajjeefaman.
- NuuralHudaa
- Jan 30, 2017
- 1 min read

Kaanaadaa Magaalaa Kuubeek keessatti kan argamu, Masjiida dhaabbata Wiirtuu Islaamaa keessaatti dhukaasa banameen haga ammatti lubbuun lamoota shanii kan darbe ta’uu gabaasni garagaraa ni mul’isa. Namoonni Sadih qawwee qabachuun gara Masjiidaa eega seenaniin booda muslimoota Masjiida keessatti argaman irratti dhukaasa bananii battaluma sanitti muslimoota shan kan ajjeesan yoo ta’u, hedduun isaanii madaayanii jiran.
Prezidaantiin Masjidichaa, Muhammad Yaanguw, “Wanti mudate kun dalagaa gara jabeenyaati. Namoonni heddu madaawanii jiran. Hospitaala garagaraatti waan geeffamaniif, Baay’ina isaanii beekuu hin dandeenye” jedhe.
Poolisiin ammaaf naannoo san kan too’ate yoo ta’u, shakkamtoonni lamas too’annaa poolisii jala ooluun isaanii gabaafamee jira.
Odeeyfannoo dabalataa akka nu dhaqqabeen isiniin geenya.
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN
--------------------- NuuralHudaa
コメント