Muslimoonni Nezerlaand sodaa guddaa keessa jiraatuu ibsatan.
- NuuralHudaa
- Jan 30, 2017
- 1 min read

Nezerlaanditti Guyyaa hardhaa masjiidonni gurguddoon afur eega muslimoonni 6 guyyaa hardhaa Kanaadaa magaalaa Kuubeekitti masjiida keessatti ajjeefamanii booda sodaa guddaa keessa seenuu irraa kan kahe, yeroo salaatan masjiida ofitti cufuun kan salaataa turan tahuu odeeffannoon ni addeessa.
Muslimoonni masjiida Blue kan magaalaa Amisterdaam, Masjiida As Sunnaah kan magaalaa Hague, Masjiida Essalam kan Rotterdamii fi Umaar Al Faruuq kan magaalaa Utrech keessatti argaman ibsa guyyaa hardhaa miidiyaalee keennan irratti " Yeroo salaannu balbala masjiidota keenyaa cufannee salaatuuf dirqamnee jirra" jechuun dubbatan.
Masjiida Blue kan magaalaa gudditti Nezerlaand kan taate Amisterdaam keessatti argamutti kaameraawwan eeggumsaa dabalataa kan godhame tahuus beekameera.
Masjiidota gurguddoo kanninitti muslimoonni kumaatamaan lakkaa'aman kan itti salaatan tahuus ibsameera.
Hoogganaa mana marii masjiidota lammii morokoo kan Nezerlaandi keessatti argamu Said Bouharrou akka dhaaba oduu AFP ibsetti,"Gochi gara jabeenyaa masjiida Kuubiik keessatti raawwatame kun , kan jibbaansa muslimoota irratti sadarkaa addunyaatti godhamaa jiru irraa madde" jedha.
Masjiidni immoo iddoo namoonni naga itti argatuuf itti walitti qabaman waan taheef gocha Shororkumama akkasii kana irratti dammaqinaan eeggamuu akka qabanis dubbate.
Comments