Wirtuun muslimoota Viktooriyaa abiddaan gubate.
- NuuralHudaa
- Jan 28, 2017
- 1 min read

Ameerikaa magaalaa Viktoriyaatti kan argamu Wirtuun muslimoota Viktoriyaa (Islamic center of Victoria) guyyaa hardhaa balaa abiddaatiin barbadaa'uu odeeffannoon argame ni addeessa.
Sababni balaa abiddaa kun maal akka tahe kan hin beekamin tahuu beekameera.
Itti gaafatamaan ittisa balaa abiddaa magaalaa Viktooriyaa kan tahe Jeff Cowan "Halkan sa'aa 2:00am booda belbelli abiddaa guddaa argame dhaamsuuf hojjattoonni gara masjiida kanaa yoo deeman masjiidni guutumaan guututti gubatee jira, warri ibidda dhaamsuuf dhufes naannawa masjiida kanattis nama tokkollee hin argine jedhee dubbatu" jedha.
Balaa abiddaa kana too'annaa jala oolchuuf hojjattoonni ittisa balaa abiddaa carraaqqii cimaa godhanis masjiidni guutumaan guututti barbadaa'uu beekameera.
Jiraataan naannawa sanii tokko immoo akka jedhetti
"Sa'aa lama dursee ibidda diqqaa naannawa sanitti gubataa jiru akkuma argeen gara waajjira ittisaa balaa abiddaatti bilbilee ture, garuu isaan kan dhaqqaban eegaa abiddi masjiidatti qabatee wal gahee booda” jedha.
Itti gaafatamaan ittisa balaa Viktooriyaa ka'uumsi balaa abiddaa kun maal akka tahe poolisoota waliin tahuun qorata jira jedha.
Jama'aan naannawa sanii salaata Fajrii hardhaa iddoo itti salaatuu dhabuu irraan kan kahe daandii irratti salaatuu ibsameera.
Pirezedaantii Wirtuu kana kan tahe Shahiid Hashimi Amajjii 21 masjiida kana saamuuf yaalii cabsanii seenuu kan godhame tahuu ibsuun, balaan ibiddaa kun dhimma kanaan walqabata kan jedhuuf yaada kennatuu irra of qusateera.
Comentarii