Muslimoonni naannoo Tigraayi irraa hidhaman Gurraandhala 13/2009 beellamaman.
- NuuralHudaa
- Jan 28, 2017
- 1 min read

Ulamaa'onni fi Ustaazonni naannoo Tigraayi aanaa Azeeboo iddoo Kukuftoo jedhamu irraa isin Wahaabiyya jechuun himatamanii mana hidhaa Macceewutti dararamaa jiran kamisa dabre Amajjii 18 beellama isaanii irratti hundaa’uun mana murtii kan dhiyaatanii turan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoota kanniin jidduu maatii isaanii ilaaluuf Sa'uud Arabiyaa irraa kan dhufan Ustaaz Abdulmannaan, Afrikaa Tv irratti afaan Tigriiffaatiin Da'awaa godhuun kan beekaman Ustaaz Khadiir Husseen, Sheekh Muhammad Yuusuf fi muslimoonni naannawa sanii isaan wajjiin hidhamanii argamu.
Himannaan Abbaan Alangaa isaan irratti dhiheesse
-Afoosha irratti hirmaatuu diddan
-Isin Wahaabiyyaadha
Abdullaahi Alhararii hin deeggartan fi yakka dharaa Dargaggoota filuun gara Sa'uudii eergitu kan jedhan yoo tahu, Abbaan alangaa ragoota dharaa dhiheeffatu waan rakkateef Abbootii seeraa wajjiin mari'atuun osoo isaaniif hin himin ammajjii 18 beellamanii turan
Muslimoonni kunniin kamisa dabre Ammajjii 18 mana murtii kan dhiyaatanii turan yoo tahu, Abukaatoon himatamtootaa; Abbootii seeraa fi Abbaan Alaangaa himannaa isaanii ilaalaa jiru aangoo yakka isaan irratti dhiyaatee kana ilaaluu danda’uu fi isaan ga’umsa kan hin qabne tahuu himuun aangoo fi waraqaa akka ilaaluu danda'an ibsu akka dhiheeffatan sababa gaafateef, gaafii Abukaatoon himatamtootaa dhiheesse kanaaf deebisaa kennuuf Gurraandhala 13/2009 kan beellamaman tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoonni galmee Sheekh Abdulmannaan jalatti himataman kunniin waggaa tokko guutuu furmaata tokkoon alatti hidhaan dararamaa jiraatuun beekameera.
Comments