SEENAA AJAA'IBAA
- NuuralHudaa
- Jan 26, 2017
- 2 min read
:

SEENAA AJAA'IBAA
© Xaalibu Ridallaah ________
Namtichi Awaamaa kan Jireenya Rabbii mormu tokkotu ture. Yeroo tokko Xayyaara Keessatti mucattii Xiqqoo takka dagalee taa'ee osoo deemaa jiru gara ishee fuulaan deebi'ee isitti haasa'uu eegale. "imalli nama wajjiin deemuu yoo haasawaa deeman dafee nama jalaa dhumata osoo haasofnee hoo? " jedhee mucatti xiqqoo sanatti dubbate* Mucattiin Xiqqoonis Kitaaba dura dubbisaa jirtu dhiiftee Keessummicha isitti haasawaa jirutti deebitee deebii kenniteef. "Hayyee erga haasa'uu barbaaddee ni haasofna; waa'ee maal haasa'uu barbaadda mee?" jetteen. innis Hayyee waan haasa'uu qabnullee hin beeknee ammoo, akkaa waan haasa'uu barbaadu dura itti hin yaadinii fakkeessee, akkuma waan amma itti yaadee dubbataa jiruutti "osoo waa'ee Rabbii hin jiru, Jannanni hin jiru, Azaabni hin jiru, Du'anii kaafamuuni hin jiru, Mata-duree Jedhu irraa osoo haasofnee hoo?" Jedhe Namtichi Awaamaa seeqataa Qalbii gammachuutiin mucatti xiqqoo tana gaafate. Mucattiin sunis, "Tole kun mata-duree akkaan nama gammachiisu" jetteen ( akka inni wollaalaa ta'e waan hubatteefi itti baacuuf) "Garuu mee mata-duree dubbatte kana eegaluun duratti gaafii takkaa qofa si gaafadha" jetteen." "Gaafiin kiyyas; Fardi, Saani, Hoolaan beeyladoonni kunniin hunduu waan takka nyaatani. Nyaanni isaanii tokko sunisi marga. Garuu immoo wanti isaan udaanan ykn wanti isaan irraa bahu: Hoolaan~Shishii
Saani ~ Dhoqqee
Fardi ~ fiindoo. Walumaagalatti, Beeyladdoonni kunniin waan tokko dheedanii, ammoo wanta gara garaattu isaan irraa baha kun maaliif ta'e sitti fakkaata mee?" jetteen.
Namtichi jiraachuu Rabbii waakkatu sunisi, beekkumsa mucattii xiqqoo gar malee dinqisiifatee, erga xinnoo xiinxallee booda "Dhugaa keeti an waan deebisu hin qabu" jedheni dubbiin harkaa wal dhahee akka wollaalaa ta'e ragaa bahuun.
Mucattiin Xiqqoon sunis deebistee "Ati dhugumatti nama Rabbiin hin jiru, Jannataa fi Azaabnillee hin jiru, du'anii kaafamnillee hin jiru, jettee dubbatuufi mirkaneessuu nama dandeettii qabuu? Maaliif jennaan; Ati nama udaan horii yookaa wonta beeylada ijaan argan irraa bahuu maaf adda ta'ee beekuu hin dandeenne kana! Simaa udaan beeyladaatuu qoratee hin beennetu, Jireenya Rabbii argamaa ta'ee dhabamsiisuudhaf jecha, akkasuma Jannanni, Azaabni, du'anii kaafamuun hin jiru jettee dubbatuuf dandeettii qabaa? Sammuun Dhoqqee beeyladaatuu qorattee hin dandeenne, jireenna Rabbii mirkaneessuu hin dandeettu" jechuun Afaan isaa qabachiifte jechudha
Ajiiba!
Ilma namaa kan udaan horii ykn waan horii irraa bahu dhoqqee, shishii, fiinddoo maaf addaa ta'ee qoratee himuu hin dandeennetu; Jireenyaa Rabbii Aalamaa qoratee akkaa waan nama beekuu Rabbiin hin jiru jedhee waakkatuu fi Kijibuuf yaalutu Nama dinqisiisa!
Obboleewwan islaamaa Rabbiin Jallataa nama akkanaa irraa nuu haa tissuu. Rabbiin islaamummaa nuuf kenne ni galatoonfanna Alhmdulillaah rabbil aalamiin. Diinii haqaa Irrattu Rabbiin nu haa ajjeesu. Amiiiin —------------— NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ http://www.nuuralhudaa.com
Comentarios