Muslimoota Magaalaa Dasee irraa ajjeechaa Sheekh Nuuruu Yimaamiitiif yakkaman irratti adabbiin murte
- NuuralHudaa
- Jan 26, 2017
- 1 min read

Obboleeyyan Muslimaa galmee kana jalatti himatamuun waggaa 3f hidhaan dararamaaa jiran 13 irratti manni murtii hoogantoota siyaasaatiin hoogganamu adabbii hidhaa waggaa 3fi ji'a 8 hanga waggaa 16 kan murteesse tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Obboleeyyan kunniin adabbiin hidhaa kun yeroo isaan irratti manni murtii dabarsutti Takbiiraan mormii dhageessisuu maddeen gabaasaniiru.
Dhaddacha guyyaa hardhaa irratti koreen furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa kan dhiyeenya hidhaa irraa bahaniif Ulamaa'onni magaalaa Dasee irraa dhufan, akkasumas hawaasni muslimaa magaalaa Finfinnee hedduminaan kan argame tahuus beekameera.
Comments