Muslimoonni galmee Abdullaah Aliyyuu fi galmee dargaggoo Alamuudii jalatti himataman mana murtii dhi
- NuuralHudaa
- Jan 26, 2017
- 1 min read

Muslimoonni Aalima guddaa Sheekh Jeyilaan Aadaanoo wajjiin galmee Abdullaah Aliyyuu jalatti himataman 5 fi muslimoonni galmee Nabiyyuu Siraaj jalatti himatamuun adabbiin hidhaa waggaa 11 hanga waggaa 3fi ji'a 3 itti murteeyfamee ture Nabiyyuu Siraaj, Khadiir Tadalaa fi Safaa Badawwii guyyaa hardhaa mana murtii dhiyaatuun Sheekh Jeyilaan Adannoo ragaa ittisaa kan bahaniif tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoonni kunniin gocha suukaneessaa Sheekh Jeyilaan Adaannoo irratti mana hidhaa Ma'akeelaawiitti waraanni mootummaa raawwate irratti ragaa kan bahan tahuu beekameera.
Odeeffannoo walfakkaatuun muslimoonni galmee dargaggoo Alamuudii jalatti himatamuun dhiheenya kana mana hidhaa ma'akeelaawii irraa gara mana hidhaa Qilinxootti geeffaman guyyaa hardhaa mana murtii dhiyaatuun isaanii maddeen gabaasaniiru. Galmeen kun maqaa isaatiin kan waamamu dargaggoo Alamuudii fi dargaggoonni 3 yeroo mana hidhaa Ma'akeelaawii turaniitti kan hidhaa irraa lakkifamanii turaan yoo tahu, isaan hafan immoo yakka dharaa Shororkummaatiin himatamanii gara mana hidhaa Qilinxootti hidhamanii argamu
Comments