Search
Ustaazni Masjiida Arab Gandaatti Qur'aana qaraasisaa turan akka hin qaraasisne dhoorkame.
- NuuralHudaa
- Jan 24, 2017
- 1 min read

Duulli sheekhotiif ustaazonni akka masjiida hin tajaajille dhoorkuu ammas cimee itti fufeera.
Masjiida Araba Gandaa kan naannoo Amaaraa magaalaa Daseetti argamutti Qur'aana fi kitaabota adda addaa kan qaraasisaa turan Sheekh Umar Yuusuf hoogantoonni majliisa mootummaa barnoota tokkoyyuu akka hin barsiisne kan dhoorkan tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Sababni isaan akka Qur'aana hin qaraasisne dhoorkamaniifis waan ayyaana Mawulidaa irratti argamuu dhabanii fi aqiidaa amantaa Ahbaash fudhatuu didaniif tahuus maddeen gabaasaniiru.
Comments