Obboleessa Muslimaa Umar Husseen irratti dararaan cimaan raawwatamaa jiraatuun beekame.
- NuuralHudaa
- Jan 24, 2017
- 1 min read

Yakka dharaa Sheekh Nuuruu Yimaam ajjeeste jedhuun muslimoota magaalaa Dasee waliin kan himatame Umar Husseen ammas namoota balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti kaheen yakkaman waliin himatamuun mana hidhaa Shawaa Roobitiitti kutaa dukkanaa keessatti kan dararamaa jiru tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoota balaa abiddaa mana hidhaa Qiliinxootti ka'e raawwattanii jirtu jechuun himatamanii mana hidhaa Shawaa Roobiitiitti argaman 5 kutaa dukkanaatti galchuun dararaan cimaan kan irratti geggeeffamaa jiru yoo tahu isaan 4 daqiiqaa 10 qofaaf maatii isaanii waliin akka wal qunnaman kan hayyamameef tahuu beekameera. Umar Husseen garuu hanga ammaatti maatii isaa waliin akka wal hin argine dhoorkame kutaa dukkanaa keessatti kan dararamaa jiru tahuu maddeen gabaasaniiru.
Obboleessa muslimaa kana yeroo mana hidhaa Ma'akelaawii turettis dararaan cimaan kan irratti raawwatame yoo tahu, yeroo manni hidhaa gubatettis areeda dirqamaan irraa haaduun tumanii turan, ammas kutaa dukkanaa keessatti kan hidhamee argamu tahuun beekameera.
Comments