top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Karoorri Manneen Jireenyaa 2,500 magaalaa baha Iyeerusaleemiitti ijaaruuf dhiyaate raggaasifame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 24, 2017
  • 1 min read

Ijaarsi manneen jireenyaa lafa Falisxiin saamuufi jecha mootummaan Israa'eel magaalaa Iyeerusaleemi bahaatti geggeessaa ture dhaabbate ture, guyyaa lama booda immoo ijaarsi kun kan jalqabame yoo tahu, karoorri manneen 2,500 tahan magaalaa Iyeerusaleemiitti wagga kana keessa ijaaruuf dhiyaate kan raggaasifame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Ministeera Raayyaa Ittisa Israa'eel kan tahe Aviigder Laayiberman ibsa kibxata hardhaa miidiyaalee kenne irratti "Karoora ijaarsa manneen jireenyaa magaalaa Iyeerusaleemiitti ijaaruuf nuuf dhiyaatee ture irratti anaaf Muummichi ministeeraa Beenjamiin Netyanaahuu raggaasiisuuf walii gallee jira" jedha.


Israa'eel ijaarsa manneen lafa Falisxiin Saamuuf jecha jalqabde kana biyyoonni Addunyaa guutuun akka dhaabdu kan godhanii turan yoo tahu, guyyaa lama booda pirezedaantii Ameerikaa tahuun kan filatame Doonald Tiraamp aangoo eega qabatee booda ammas ijaarsa kana itti fuufuu murteessite. Pirezedaantiin Ameerikaa duraanii karoora isiin lafa Falisxiin Saamuuf gootu kana kan mormu yoo tahu kan amma filame Doonald Tiraamp immoo waan deeggaruuf ijaarsa kana kan itti fuufsiste tahuus ibsameera.


Aangawoonni Falisxiin karoorri Israa'eel quubsuma babaldhifatuu kun kan seera Addunyaa faallesse jechuun balaaleffatan.


Dubbi himaan Pirezedaantii Falisxiin Nabiil Abuu Ridiniih

"Murteen Israa'eel kun kan seera Adduunyaa faallesse waan ta’eef Addunyaan Israa'eel irratti tarkaanfii jabaa akka fudhattu" gaafate.


Ministeerri raayyaa waraana Israa'eel Laayiberman ibsa kana eega miidiyaalee kennee booda, mummichi ministeeraa Beenjamiin Netyanaahu gama Twiitara isaa irraan


"Ni ijaarra ammas ijaarsi itti fufa" jechuun barreesse.


 
 
 

Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page