top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Obboleeyyan Muslimaa hidhaa irra jiran 3 irratti ammas himannaan haarowni itti baname.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 23, 2017
  • 1 min read


Abbaan Alangaa federaalaa Obboleeyyan Muslimaa 3 kan hidhaa irra jiran irratti himannaa haarawa banuu oddeeffannoon argame ni addeessa.


Himannaan dharaa muslimoota kana irratti dhihaate Balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti kaheen walqabatee namoota balaa kana kaasan waliin jiru kan jedhu tahuu maddeen gabaasaniiru.


Mootummaan ofii isaatiin mana hidhaa Qilinxootti abidda qabsiisuun lubbuun namoota 23 akka baduu fi qabeenyi mallaqa miiliyoonaan tilmaamamu eega godhee booda, abidda kana hidhamtootatu kaase jechuun namoota 120 tahan irratti yakka dharaa bane, namoota himannaan itti baname kana jidduu obboleeyyan muslimaa sababa gaafii mirga amantaa hawaasni muslimaa guutuu biyyaatti kaaseen hidhaman 3 irratti himannaa haarawa banuun beekameera.


Obboleeyyan muslimaa kunniin isaan 2 maqaan kan beekame yoo tahu, tokko ammoo hanga ammatti eenyu akka tahe hin beekamne.


Isaan maqaan isaanii beekame

Yakka dharaa ajjeechaa Sheekh Nuuruu Yimaamiin magaalaa Dasee irraa himatamuun badii raawwattee jirta jechuun itti murteeyfame Ismaa'il Hassanii fi Obboleessa muslimaa magaalaa Finfinnee irraa hiriira masjiida Anwaarii fi Nuur kan magaalaa Finfinnetti argamanitti kanaan dura hawaasni muslimaa godhaa ture qindeessite jechuun yakkamee adabbiin hidhaa waggaa 5fi ji'a itti darbee ture, Usman Abduu tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Muslimoonni kunniin torbee dabre keessa namoota yakka kanaan himataman waliin mana murtii kan dhiyaatanii turan tahuu maddeen gabaasaniiru.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page