top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Muslimoota 7 irratti adabbiin hidhaa waggaa 4 fi ji'a 5 murteeyfame.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 23, 2017
  • 1 min read


Bara 2004tti garee Shororkeessaa Afrikaa kibbaa keessatti argamu irraa leenjii fudhatuun Itiyoophiyaatti eegaa deebi'aan booda miseensota Shororkummaa raawwatan filuun mootummaa Islaamaa hundeessuuf sochii irra osoo jiraan too'annaa jala oolaniiru jechuun miidiyaa mootummaa kan tahe Faanaa Biroodkaast gabaase.


Akka FBC'n gabaasetti

"Bara 2006tti Afrikaa kibbaa irraa leenjii Shororkumaa fudhatanii eegaa deebi'an booda bosona naannawa magaalaa Jimmaa keessatti argamutti leenjii Shororkummaa osoo kennaa jiran too'annaa jala olaan" jedha.


Himatamtoonni kunniin too'annaa jala oolanii himannaa isaan irratti dhiyaateef Abbaan alangaa mootummaa ragoota dharaa kan sanadaa fi namaa egaa dhiheesse booda guyyaa hardhaa sa'aa booda Manni Murtii aangawoota mootummaatiin hoogganamu himatamtoota kanniin irratti adabbii hidhaa waggaa 4 fi ji'a 5 kan murteesse tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Namoonni guyyaa hardhaa adabbiin itti darbe kunniin walumaagalatti 7 yoo tahan, isaanis:-

Isaan hidhaan waggaa 4 fi ji'a 5 irratti darbe

1.Ja'afar Muhammad Abbaa Giddii

2. Muddiin Jamaal Yassiin

3.Anwaar Tidaanee fi

4.Ahmad Abbaa Biyyaa yoo tahan.


Isaan hidhaan waggaa 4 irratti darbe.


5.Muhammad Nuur

6.Haaj Muhammad Tamii fi

7.Sheekh Jamaal Abbaa Caboo tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page