top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Pirezedaantii Ameerikaa tahuun kan filame Doonald Tiraamp sirna kakuu raawwate.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 20, 2017
  • 1 min read


Pirezedaantii Ameerikaa 45ffaa tahuun kan filatame Doonald Tiraamp jimaata hardhaa sirna kakuu raawwate. Pirezedaantiin kun guyyaa kaadhimamuun duula na filadhaa geggeeffatuu jalqabe irraa kaase karoorri inni ummata Ameerikaaf qabatee gad bahe hedduu addunyaa rifachiise. Karoorri inni dhufeen keessaa tokko baqattoota biyyoota adda addaa kan Ameerikaa keessa jiranii fi muslimoonni yeroo murtaa'eef Ameerikaa akka hin seenne dhoorka kan jedhaniif kan birootis ni argamu. Haata'uu malee namni kun akka haasawa inni godhaa turetti ni filama jedhee namni yaade hin jiru. Guyyaa hardhaa kana magaalaa Gudditti Ameerikaa Washington Dcti iddoo ummaanni 900,000 tilmaamamu argametti kakatee Pirezdantii Ameerikaa 45 tahuun muudamee jira.


Guyyaa inni Ameerikaa tajaajiluuf itti kakatee aangoo itti qabate kanatti akkuma deeggartoonni isaa bahuun simatan, ummatni lakkoobsa hedduu tahe bahuun pirezedaantummaa isaa kana mormaa jiran tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.


.

Comentários


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page