Obboleessi Muslimaa galmee Eeliyaas Khadiir jalatti himatamuun hidhaan dararamaa ture guyyaa hardhaa
- NuuralHudaa
- Jan 19, 2017
- 1 min read

Obboleessi Muslimaa magaalaa Walqixxee irraa galmee Eeliyaas Khadiir jalatti waggaa 3 ol mana hidhaa Qaallittiitti dararamaa ture Jahfar Dagan hidhaa irra bahuun maatiiwwan isaatiin kan walitti makame tahuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Muslimoonni galmee kana jalatti isa wajjiin hidhaman Fiqruu fi Abdulaziiz jedhaman hanga ammattis mana hidhaa Qaallittiitti kan argaman tahuu maddeen gabaasaniiru.
Muslimoonni galmee kana jalatti himataman yakka Shororkummaatiin adabbii waggaa 7 kan itti darbee ture yoo tahu, mana murtii olaanaatti ol iyyannoo dhiheeffatuun adabbiin isaanii waggaa 3fi ji'a 4 xiqqeeffamuun, isaan hedduun dhiheenya kana kan hiikkamanii turan tahuun ni yadaatama.
Guyyaa hardhaatis Obboleessi muslimaa Jahfar Dagaan hidhaa guyyoota 1219 booda lakkifamuun maatiiwwan isaatiin kan walitti makame tahuu beekameera.
Comments