Hiriirri mormii guddaan aanaa Mayyuu Muluqqeetti geggeeffamaa oole
- NuuralHudaa
- Jan 19, 2017
- 1 min read

Godina Harargee lixaa aanaa Mayyuu Muluqqee magaalaa Husseetti guyyaa hardhaa sa'aa 7: 00 irraa jalqabee ummanni bahee mormii cimaa geggeessaa ooluu odeeffannoon argame ni addeessa. Ka'uumsi mormii kanaa weerara Liyyuu Poolisiin naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun ajjeechaa raawwata jiraniif yoo tahu, halkan edaa Waraanni Liyyuu Poolisii mootummaa naannoo Sumaalee kun nama tokko ajjeesuun araddaa Muluqee jedhamtu qabatuu maddeen gabaasaniiru.
Yeroo waraanni naannoo Sumaalee kun ummata weeraraa jirutti Bulchaan Aanaa Bashiir jedhamuu fi ajajaan Poolisii aanaa Mayyuu milishaadhaaf rasaasa gahaa kennuu dhabuu irraa kan kahe milishoonni fi Poolisoonni hedduun kan madaa'an tahuu beekameera.
Ummatni magaalaa Husseetis guyyaa hardhaa kana waajjiraalee magaalaa keessatti argaman hunda seenuun hojjattoota keessa ari'uu maddeen gabaasaniiru.
Comments