Adeemsi mana murtii namoota yakka balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootiin himatamanii dhaddacha cufaa
- NuuralHudaa
- Jan 19, 2017
- 1 min read


Abbaan Alangaa Federaalaa namoota balaa abiddaa mana hidhaa Qilinxootti kahe kaastanii jirtu jechuun himannaa itti bane, adeemsi murtii isaanii dhaddacha cufaan akka geggeeffamu jechuun mana murtii gaafatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Abbaan Alangaa akka jedhutti; namoota himatamtoota irratti ragaa bahaa jiran waan sodaachifamaa jiraniif jechuun kan komii dhiheesse tahuu maddeen gabaasaniiru.
Balaa abidda mana hidhaa Qilinxootti kaheen walqabatee lubbuun namoota 20 darbuu fi Qabeenyi maallaqa miliyoona 15 tilmaamamu barbaadaa'u ibsamee ture, lubbuu namoota darbee fi Qabeenya barbadaa'e kanaaf immoo hidhamtoonni 38 himatamuun ni yadaatama.
Abbaan Alangaa hidhamtoota kanniin irratti himannaa isaa banuun, ragoonni miidiyaalee adda addaaf namoonni du'an rasaasa poolisoonni dhukaasaniin tahuu ragaa bahaa turaniiru.
Bulchiinsi mana hidhaatis namoonni du'an aaraan ukkaamfamanii du'an jechuun miidiyaalee ibsuun ni yaadatama.
Comments