top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qabeenyi Addunyaa tanaa walakkaan harka dureeyyii saddeetii jira.

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jan 17, 2017
  • 1 min read


Gabaasni Dhaabbata Dhuunfaa OXFAM jedhamu irraa bahe akka jedhutti; qabeenyi Sooreyyii gurguddoo Addunyaa saddeetiin too'atame, kan harka ummata Addunyaa biiliyoona 3.6 harkatti argamuun wal-qixa" jedha.


OXFAM gabaasa isaa kana irratti maqaa Sooreyyii saddeettan kanniinis kan tarreesse yoo tahu, isaanis

1.Biil Geeti

2.Wareen Buufeet

3.Karloos Isliim

4.Jeef Bezoos

5.Maark Zukerberg

6.Amaaniichoo Orteegaa

7.Laarii Eelisoonii fi

8.Mikaa’el Biluumberg tahuu isaanii gabaaseera.


Qabeenyi namoota 8'n kanniin harka jiru yoo walitti ida'ame walumaagalatti Doolara biiliyoona 426'ti kan tilmaamamu tahuus gabaasni kun ni addeessa.


Itti aanaan Pirezedaantii dhaabbata Oxfam Ameerikaa jedhamu kanaa kan tahe Pawuul Obreen

"Qabeenyi harka Sooreyyii kanniinii keessatti qisaasamaa jiru kun, ummanni miiliyoona lakkaa'amu akka hiyyumaaf Saaxilamu, hawaasa giddutti garaagarummaa guddaan akka uumamu fi rakkoon siyaasaa akka baldhatu godhee jiraa" jedha.


Gabaasni OXFAM akka agarsiisutti bara 2015 as qabeenyi ummata addunyaa biiliyoonaan lakkaa'amu harka Sooreyyii adduunyaa dhibbeentaa 1(1%) tahan keessatti kan argamu tahuus ibseera.


Ameerikaa keessatti qabeenyi biyyattiii 42% ol tilmaamamu harka sooreyyii biyyatti keessatti argaman 1% tahanitti akka argamus odeeffannoon ni addeessa.


Mootummoonni Adduunyaa garaagarummaa guddaa qabeenya addunyaa walsimsiisuun, qoqqoodamiinsa qabeenya haqa irratti hundaa’e fiduun kaayyoo keenya kan wal wajjiin qabnu galmaan ni baasna jechaa jiraatinis, garaagarummaan ummata sadarkaa gad aanaa irraatti argamanii fi sooreyyii addunyaa jidduu jiru dabalaa dhufee jira.


Ogeeyyiin Damee kanaa immoo akka jedhanitti "Qabeenya addunyaa tanaa kan wal hin simanne kana wal simsiisuuf carraaquu mannaa biyyoota jireenya sadarkaa gadaanaa keessa jiraanii fi ummata hiyyummaa keessatti argaman irratti xiyyeeffannoon hojjatuun barbaachisaadha" jedhu.


コメント


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page