Masjiida Ameerikaa kutaa Si'atilitti argamutti ibiddi qabsiifame.
- NuuralHudaa
- Jan 16, 2017
- 1 min read

Filannoo Ameerikaa bara 2016 ilaalcha badaa Islaamummaaf kan qabu Doonald Tiraamp injifatuun isaa eega labsamee booda, dararaan muslimoota Ameerikaa iratti raawwatamu cimee itti fufeera. Guyyaa injifatuun isaa labsame irraa kaase deeggartoonni isaa dhaabbilee hawaasa muslimaa adda addaa irratti tarkaanfii hamaa fudhataa jiru, dubartoota muslimaa hijaaba uffatan irraa mulqaaniiru akkasumas barattoota muslimaa mana barnootaa keessatti barnoota isaanii akka hin baranne dhiibbaa guddaa irratti uumaniiru, Ilaalchi jibbaa muslimaa kun ammas kan duraanii caala dabalaa dhufee jira.
Sabtii darbe Masjiida kutaa Sii'aatiil magaalaa Bellevue jedhamutti argamutti namtichi deeggaraa Tiraamp tahe tokko halkan walakkaa abidda itti qabsiisuun walakkaan masjiidaa kan gubate ta’uu odeeffannoon ni addeessa.
Namtichi Isaaq Wayiin Wilseen jedhamu kan umrii 37, halkan walakkaa masjiida kanaa irratti abidda qabsiisuun kan gubee fi namtichi kunis too'annaa jala ooluu Rooyteers gabaaseera.
Itti gaafatamaan waajjira ittisa balaa abidda Mark Raayseen akka jedhetti "Akkuma waamichi nuuf godhameen gara masjiida kanaa yoo dhufnu walakkaan masjiida kanaa abiddaan gubatee jira, warri abidda dhaamsus ariitiin abiddi kun akka hin babaldhanne too'annaa jala oolchaniiru” jedha.
Imaama masjiida kanaa kan ta’e Faizel ibsa miidiyaalee kenne irratti "Gaddi guddaan nutti dhaga'ameera, gochi raawwatame kunis hedduu nu rifachiise, masjiida keenyatu nurraa barbadaa'e ani waggaa 16f Imaama tahuun masjiida kana keessatti tajaajilaa ture, yeroo turtii kiyya kana keessatti gochi akkanaa kun na hin qunnamne " jedha.
Comentários