Search
Duulli dhiiga gumaachuu bifa bareedaan geggeeffamaa jira.
- NuuralHudaa
- Jan 15, 2017
- 1 min read

Duulli dhiiga gumaachuu mataduree dhiiga gumaachuun lubbuu nama tokkoo hambisuu jedhuun dhaabbata dhuunfaa Mustaqbaliin jalqabame guyyaa hardhaa marsaa 7ffaaf Istaadiyoomii guddicha magaalaa Finfinneetti argamutti geggeeffamutti jira.
Hojii kheeyrii kana irratti hawaasni muslimaa magaalaa Finfinnee ganama sa'aa 12:00 irraa jalqabee argamuun dhiiga gumaachaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Duula kana irratti itti gaafatamaan miseensa koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa Ustaaz Abubakar Ahmad argamuun dhiiga isaanii kan laatan tahuun beekameera.
Comments