Waraanni Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa seenuun namoota hedduu kan ajjeese fi mad
- NuuralHudaa
- Jan 14, 2017
- 1 min read

Naannoo Oromiyaa aanaa Nageellee Booranaa iddoo Addeessa jedhamutti guyyaa kaleessaa irraa jalqabee ummata naannoo Oromiyaa fi waraana Liyyuu Poolisii naannoo Sumaalee jiddutti loolli cimaan deemaa jiraatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Akka jiraatan magaalaa Nageellee Boorana tokko nuuf himetti "Ka'uumsi lola kanaa guyyaa Kamisaa warri Gosa Maarihan jedhamu kan naannoo Sumaalee nama Booranaa tokko ajjeese, achi booda ummanni naannoo Oromiyaatis gaafii jalqabe, lola kana mootummaan harka waan keessaa qabuuf waraanni Liyyuu poolisi jedhamu kan mootummaa naannoo Sumaalee daangaa Oromiyaa seenuun ummata Oromoo irratti tarkaanfii humnaa fudhatuun namoonni hedduun ajjeefamanii, namoonni hedduun miidhamanii kaleessa galgala gara hospitaala magaalaa Nageellee Booranaatti geeffaman" jedha. Ammaaf nama haganatu ajjeefame jedhe siif himuu hin danda’u jechuun nuuf hime.
Loolli kun hanga guyyaa hardhaattis kan itti fufe tahuu odeeffannoon naannawa irraa argame ni addeessa.
Comments